Yuunvarsiitiin Jimmaa barattoota haaraa simachuu eegale
Finfinnee, Caamsaa 4, 2014 (FBC) – Yunivarsitiin Jimmaa guyyaa har’aa barattoota haaraa simachuu eegaleera.
Miseensootni gamtaa barattootaa 400 seensa magaalichaa afran irratti barattoota kanneeniif simannaa taasisaa jiru.
Itti aanaan preezdaantii Yuunvarsiitii Jimmaa Obbo Taaddasaa Habtaamuu, barattotni gara Yuunvarsiitichaa dhufan rakkoo tokko malee barumsa isaanii akka hordofaniif hawasa magaalichaa, qaamoolee nageenyaa, gamtaa barattootaa fi barsiisoota fana qindoominaan hojjatamaa jiraachuu eeraniiru.
Yuunvarsiitichi bara kana, barattoota haaraa kuma 4 fi 670 sagantaa barnoota idileen simatee barsisuuf qophii taasisaa turuu ibsameera.
Yuunvarsiitiin Jimmaa sagataa garaa garaan barattoota kuma 45 ol barsiisuu irratti argama.
Muktaar Xahaatu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.