Yuunvarsiitiin Jimmaa barattoota digrii jalqabaa fi lammaffaan barsiisaa ture 719 eebbisiise
Finfinnee, Fulbaana 8, 2014 ( FBC)-Yuunvarsiitiin Jimmaa barattoota digrii jalqabaa fi lammaffaan barsiisaa ture 719 eebbisiiseera.
Eebbifamtoota kanneen keessaa 252 dookteroota Fayyaa waliigalaa fi addatti haakimoota ilkaaniiti jedhameera.
Yuunvarsiitiin Jimmaa hojii baruufi barsiisuu, qorannoo fi qo’annoon barattoota dandeettii kalaqaa qaban oomishuu irratti xiyyeefatee hojjetaa jira.
Humna nama baratee qulqullinaa fi baay’inaan oomishuu keessattis qooda guddaa bahachaa jira.
Barattoota bara barnootaa 2013 barsiisaa ture kanaan dura marsaa lamaan kan eebbisiiseera.
Kan guyyaa har’aa eebbifamtoota marsaa sadaffaati jedhan Preezdaantiin Yuunvarsiitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaan.
Eebbifamtoota digirii jalqabaa 601 keessaa 236 dubara yoo ta’an, 252 immoo dookteroota fayyaa keessaas 84 dubartoota.
Batattoota digirii lammaffaa 111 eebbifaman keessaa 16 biyya Somaaliyaa kaampaasii Argeessaa irraa carraa argatanii Yuunvarsiitii Jimmaatti barachaa turaniidha jedhameera.
Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaa, barattootaaf erga baga gammadanii dabarsuusaanii OBN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.