Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Hawaasaa Yuunvarsiitiwwan sadiif deeggarsa Birrii miiliyoona 14tti tilmaamamu taasiise

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Hawaasaa Yuunvarsiitiwwan sadiif deeggarsa Birrii miiliyoona 14tti tilmaamamu akaakuun taasiisuu ibsame.
Yuunvarsiitiin Hawaasaa Yuunvarsiitii Maqdalaa Ambaa, Walloo fi Waldiyaa deebisaniin ijaaruuf kan oolu deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 14tti tilmaamamu taasiisuu himameera.
Meeshaalee kutaa yaalii Birrii miiliyoona 11.9 olitti tilmaamamu, meeshaalee nyaataa fi Kompiiyuutaroota garaagaraa dhaabbilee kanneeniif deeggarsa taasiisuu Bakka bu’aan Yuunvarsiitii Hawaasaa Dooktar Zayituu Gaashaw eeraniiru.
Itti aanaan Preezdaantii Dhimmoota Akkaadaamii Yuunvarsiitii Walloo Dooktar Awwal Sa’iid deeggarsa Yuunvarsiitiin Hawaasaa taasiiseef galateeffachuu ragaan Yuunvarsiitii Hawaasaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.