Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Harammaayaa barattoota 77 irratti tarkaanfii fudhate

Finfinnee, Amajjii 1, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitiin Harammaayaa barattoota badii raawwatanii argaman 77 irratti tarkaanfii fudhachuu beeksise.

Yuunvarsiitiin Harammayaa barattoota yuunvarsiiticha keessatti nageenyi akka hin jiraannee fi adeemsii baruu fi barsiisuu akka gufatu sochii taasiisaa turan irratti tarkaanfii fudhachuu isaa ibsameera.

Barattoonni hojii badii irratti bobba’anii argaman kunneen gochaa kana irra akka of deebisaniif yeroo garaagaraatti gorsi kennamuufis irraa of qusachuu hin dandeenya jedha ibsi yuunvarsiitichi har’a baase.

Yuunvarsiiticha keessatti nageenyi fi tasgabbiin jiraatee adeemsi baruu fi barsiisuu karaa nagaan akka itti fufuuf jecha barattoota 77 irratti tarkaanfiin fudhatamuu isaa ibsa isaan ifoomsee jira.

Haaluma kanaan barattoonni 2 barnootaa isaanii irraa guutumatti akka haqamanii fi barattoonni 75 ammoo tokkoon tokkoon isaanii waggaa 2f akka adabaman murtaa’uu isaa ibsameera.

Akkasumas barsiisoonni lama adabbii mindaa fi barreeffama of eeggannoon adabamuu isaanii himameera.

Dabalataan barsiisoota fi hojjettoota bulchiinsa yuunvarsiitichaa ajandaa dhokataa qabachuun socho’aa jiran qorachuun yeroo itti aanu keessatti tarkaanfiin kan irratti fudhatamu ta’uu ragaan fuula yuunvarsiitichaa irraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.