Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Haramayaa qorattoota dargaggootaa fi buleeyyii 6f sadarkaa proofeesarummaa guutuu laate

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC) – Dhiyeessummaa Seeneetiin Yuunvarsiitiin Haramayaa qorattoota dargaggootaa fi buleeyyii 6f sadarkaa proofeesarummaa guutuu laateera.

Bulchiinsi Boordii Yuunvarsiitichaa walga’ii guyyaa har’aa gaggeesseen gaaffii Seeneetiin dhiyeesse bu’uura godhachuun qorattoota dargaggootaa fi buleeyyii 6f sadarkaa proofeesarummaa guutuu laateera.

Haaluma kanaan Dooktar Maashi.laa Dajanee qorannoo dhibee biqiltootaa, Dooktar Waasuu Mahaammda qorannoo fooyya’iinsa gosa Biqilyootaa fi Dooktar Nigusee Buusaa qorannoo Baayookeemiistirii fi Fiiziiyooloojii gaggeessaniin sadarkaa Proofeesarummaa guutuu laachuu ibsameera.

Dabalataan Dooktar Aabbii Taaddasaa Orgaaniik Keemistiriin, Dooktar Mitikkuu Isheetuu Guyyaa, qorannoo horsiisa loonii fi Dooktar Tasfaahiyiwaat Zarihuun Paatooloojii Kiliinikaala Veetarnaniin, qorannoo gaggeessaniin sadarkaa prooofeesarummaa guutuun laatamuufii daayreektarri hariiroo ummataa fi quunnamtii idile addunyaa Yuunvarsiitii Haramayaa obbo Alamisheet Tashoomeen ibsaniiru.

Qorattoonni kunneen bu’aa hojiilee qorannoo gaggeessan barruu sadarkaa idil addunyaatti maxxansuun tajaajila hawaasaaf gumaacha taasiisaniin sadarkaan Proofeesarummaa guutuun laatamuufii ibsameera.

Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.