Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Haramayaa barattoota ogummaa Fayyaan barsiisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Muddee 23, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitii Haramayaatti Koollejjiin Saayinsii Fayyaa barattoota ogummaa Fayyaa garaagaraan barsiisaa ture 411 eebbisiise.

Eebbifamtoota keessaa 72 digirii 2ffaan, 323 digirii jalqabaan fi 16 Ispeeshaalistiin kan eebbifaman ta’uu Daayreektarri olaanaan Koollejjichaa Dooktar Yaadataa Dasseen ibsuu isaanii ragaan fuula Yuunvarsiitichaarraa argame ni muul’isa.

Sirna eebbichaarratti Preezdaantii naannoo Hararii obbo Oordiin Badirii dabalatee hoggantoonni Yuunvarsiitichaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.

Yuunvarsiitiin Haramayaa yeroo 66ffaaf barattoota kan eebbisiisse yoo ta’u, akka Koollejjii Saayinsii Fayyaatti ammoo yeroo 24ffaaf eebbisiisuu isaati jedhame.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.