Yuunvarsiitiin Haramaayaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa qorichaa taasise
Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Haramaayaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa qorichaa Birrii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 5tti shallagamu taasiseera.
Yuunvarsiitichi Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsawwan garaagaraa taasisaa turuu ibsameera.
Guyyaa har’aa meeshaalee qulqullinaa dabalatee deeggarsa qorichoota Birrii Miliyoona 1 fi kuma dhibba 5tti tilmaamamu Hospitaala Sadarkaa 3 ffaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasiseera.
Nageenyaan alaatti jiraachuun dhaabbilee barnootaa fi isaan biroo gaaffii keessa waan galuuf Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruun barbaachiisa ta’uu Preezdaantiin Yuunvarsiitii Haramaayaa Dooktar Jamaal Yusuuf ibsaniiru.
Deeggarsi Yuunvarsiitichi taasisu kan itti fufu ta’uu himaniiru.
Hogganaan Hospitaala Sadarkaa 3 ffaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Aajaja Bahaa Leetenaal Koloneel Xibabee Warquu Yuunvarsiitichi irra deddeebi’iin deeggarsa taasisaa turuu ibsuun galateeffataniiru.
Yuunvarsiitiin Haramaayaa miindaa ji’aa hojjeettoonni taasisaan dabalatee waliigalaan hanga ammaatti birri Miliyoona 60 ol Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisuu ibsameera.
Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.