Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Finfinnee Preezdaantii Baankii Misoomaa Afrikaa fi Hojii gaggeessaa Dhaabbata Saaliiniif Dooktoreetii Kabajaa kenne

Finfinnee, Caamsaa 6, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Finfinnee Preezdaantii Baankii Misoomaa Afrikaa Akiinwuumii Adeesiinaa fi Hojii gaggeessaa Dhaabbata Ijaarsaa Xaaliyaanii Saaliinii Peetiroo Saaliinii Dooktoreetii Kabajaa kenneera.

Sagantaa addabaabayii Michummaatti gaggeeffameerratti Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad namoota kanneeniif Dooktoreetii kabajaa gumaachaniiru.

Preezdaantiin Baankii Misoomaa Afrikaa Akiinwuumii Adeesiinaan Ityoophiyaattis ta’ee Afrikaatti hojii misoomaa gaggeeffamu keessatti qooda olaanaa qabaachuu isaanii ibsameera.

Preezdaantii baankichaa 8ffaa ta’uun tajaajilaa kan jiran Akiinwuumii Adeesiinaan Ardiin Afrikaa hiyyummaa keessaa akka baatu, barnoonni akka babal’atu, carraa hojii uumuu fi misooma biroon hojiilee bu’aa qabeessa raawwachuu isaanii ibsameera.

Yuunvarsiitiin Finfinnees oolmaa isaanii kanaaf Dooktoreetii kabajaa laateera.

Hojii gaggeessaan Dhaabbata Ijaarsaa Xaaliyaanii Saaliinii Peetiroo Saaliiniis hojiin siviilii ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddichaa akka milkaa’uu itti gaafatamummaa isaanii ga’umsaa ba’aniiru jedhame.

Milkaa’ina ijaarsa hidhichaaf qooda olaanaa ba’aniif Yuunvarsiitiin Finfinnee Dooktoreetii kabajaa kennuufii TOI gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.