Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Finfinnee barattoota barsiisaa ture kuma 4 ol eebbisise

Finfinnee, Muddee 17, 2013 (FBC)- Yuunvarsiitiin Finfinee guyyaa har’aa barattoota barnoota digrii jalqabaa, digirii 3ffaa, galgalaa fi gannaan barsiisaa ture kuma 4 fi 87 eebbisiseera.
Yuunvarsiitichi sababa vaayrasii koroonaatin kanaan dura barattoota eebbisiise dabalatee waliigalaan barana barattoota kuma 10 fi 561 kan eebisiisu.
Barattoota eebbifaman keessaa 2,635 dhiiraa yoo ta’an 1,452 immoo dubartoota.
Yuunivasiitiin Finfinnnee waliigalatti bara kana barattoota 10,561 eebbiseera.
Sirni eebbichaa Yuunivarsitii Finfinnee mooraa kiilootti 6tti bakka barattoonniifi maatiin barattootaa argamanitti gaggeeffameera.
Sababa vaayrasii koroonaatin dhaabbileen barnoota olaanoo yeroo eebbaa barattootaa fi barnootaa dheeressuun isaanii ni yaadatama.
Dabalaa Taaddasaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.