Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa boru barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture ni eebbisiisa

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa boru barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 3 fi 500 ol ni eebbisiisa jedhame.

Yuunvarsiitichi barattoota sagantaa digirii jalqabaa fi digiri 2ffaan muummee garaagaraan barasiisaa ture kuma 3 fi 550 kan eebbisiisu ta’uu  Daayreekterri Hariiroo addunyaa fi Qunnamtii Ummataa Yuunvarsiitichaa obbo Dachaasaa Gaanfureen ibsaniiru.

Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa bara 1999 kan hundeeffame yoo ta’u, bara kana marsaa 10ffaaf barattoota sagantaa idilee fi idilee alaan ogummaa garaagaraan barsiisaa ture guyyaa boruu kan eebbsiisu ta’uu obbo Dachaasan himaniiru.

Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.