Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa barattoota kuma 3 fi 500 ol eebbisiisa jira
Finfiinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa barattoota ogummaa garaagaraatin barsiisaa ture kuma 3 fi 500 ol eebbisiisa jira.
Yuunvarsiitichi barattoota sagantaa digrii jalqabaa fi digrii 2ffaan muummee garaagaraan barasiisaa ture kuma 3 fi 550 eebbisiisaa jiraachuu Daayreekterri Hariiroo addunyaa fi Qunnamtii Ummataa Yuunvarsiitichaa obbo Dachaasaa Gaanfureen ibsaniiru.
Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa bara 1999 kan hundeeffame yoo ta’u, bara kana marsaa 10ffaaf barattoota sagantaa idilee fi idilee alaan ogummaa garaagaraan barsiisaa ture eebbisiisaa jiraachuu obbo Dachaasan himaniiru.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.