Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa barattoota kuma 2 fi 93 eebbisiise
Finfinnee, Gurraandhala 27, 2013 (FBC)- Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa barattoota muummee garagaraatin barsiisaa ture kuma 2 fi 93 eebbisiiseera.
Sirna eebbichaarratti Hogganaan Damee Paartilee Siyaasaa fi Waldaalee Hawaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa fi walitti qabaan Boordii Yuunvarsiitii Dirree Dawaa Dooktar Alamuu Simee ergaa dabarsaniin eebbifamtoonni ogummaa eebbifamaniin badhaadhinaa biyya isaaniif akka hojjetan himaniiru.
Ityoophiyaan yeroo itti aanuutti filannoon gaggeessituu haqa qabeessa akka ta’uuf eebbifamtoonni ga’ee isaanii akka ba’aan waamicha dhiyeessaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna