Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Diillaa fi Yuuniversitiin Riift Vaalii kaampaasii Jimmaa barattoota eebbisan

Finfinnee, Hagayya 2, 2013 (FBC)- Yuunvarsiitiin Diillaa barattoota gosa garagaraatiin barsiisaa ture kuma 3 fi 468 eebbise jira.
Yuunvaarsitiichii sirna baruufi barsiisuu barattoota 400’n kan jalqabee yoo ta’u yeroo ammaa kanas barattoota kuma 26 ol barsiisaas jira.
Guyyaa har’aas Yuunvaarsiitichi barattootaa kuma 3fi 468 sagantaa digrii jalqabaafi lamaffaan barsiisaa ture eebbise jira.
Haaluuma walffakkatun Yuuniversitiin Riift Vaalii kaampaasii Jimmaa baratoota muummee garagaraatiin barsiisa turee kuma 1 fi 569 guyyaaa har’a Galma siviikii Hacaaluu Hundeessaatti eebbisiseera.
Yuuniversiitichi barattoota ogummaa garagaraatiin Sagantaa idilee fi fagootiin barsiisaa turee eebbise.
Barattootni eebbifaman digrii tokkofaafi lamnaffaa akkasumas sadarkaa leenjii teeknikaa fi oguummaatiin barumsasaanii hordoofaa turan.
Diiniin yuuniversiitii riift Vaalii kaampaasii jimmaa obboo Goosaa Mul’ataa, Yuuniversitiichi hojii baruu fi barsiisuu maddattii hojii qo’annoo fi qorannoo garagaraa gaggeessaa jiraachuu Aminaa
Abdallaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.