Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Dambi Dolloo Barsiisaa Amaanu’eel dabalatee namoota hojii fakkeenyummaa qabu hojjetan 3f beekkamtii kenne

Finfinnee, Eebila 5, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Dambi Dolloo Barsiisaa Amaanu’eel Baalchaa dabalatee Yuunvarsiiticha keessatti namoota hojii fakkeenyummaa qabu hojjetan 3f badhaasa maallaqaa fi beekkamtii kenneera.
Yuunvarsiitichi Barsiisaa Sooressaa Shuumaa, Barsiisaa Amaanu’eel Baalchaa fi Barattuu Madiinaa Gammachuuf Mallaqaa fi waraqaa ragaa kennuusaa, Preezdaantiin Yuunvarsitii Dambii Dollloo Dooktar Lataa Tasfaayee himaniiru.
Yuunvarsitiin Dambi Dolloo erga hundaa’e yeroo gabaabaa ta’us namoota hojiiwwan fakkeenyummaa qaban hojjechuun Yuunvarsiticha addunyaatti beeksisan kanneen galateeffataniiru.
Barsiisaa Sooressaa Shuumaan, hojii misooma qonnaa adda addaa mooraa Yuunivarsitichaa keessatti of kennuun hojjeteen,Barsiisaa Amaanu’eel Baalchaan diroonii fi xiyyaara nam-maleessa kalaquu fi barattuu Madiinaa Gammachuu, dorgommii barreeffamaa Waldaa Fannoo Diimaa fi Addeessa Idil-Addunyaa akka Baha Afrikaatti qophaa’een sadarkaa 1ffaan xumuruun akka Yuunivarsitichaatti beekkamtiin kennameeraafira.
Itti Aanaan Preezdaantii Damee Qorannoo fi Tajaajila Hawaasaa Yuunvarsitii Dambi Dolloo Gargaaraan Proofeesaraa Yooseef Shifarraaw gama isaaniin, namoota Yuunvarsiticha beeksisuu keessatti qooda ol-aanaa bahatan kanneen jajjabeessuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Namoonni kunneen kana caalaa cimuu akka qaban dhaamuun, milkaa’ina namoota kanaa duuba namoota turanis galateeffataniiru.
Yunvarsiitichatti namoota hojiisaaniitiin fakkeenyummaa qabu hojjetaniif beekkamtii kennuu kun waggaa waggaan akka qophaa’us ibsamuu ragaan Fuula Yuunvarsiitii Dambi Dolloorraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.