Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Bulee Horaa Abbaa Gadaa Jiloo Maandhootiif Dooktareetii kabajaa kenne

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2013 (FBC) – Yuunivarsitiin Bulee Horaa Abbaa Gadaa Jiloo Maandhootiif Dooktareetii kabajaa laachuu ibsame.
Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo sirni Gadaa akka UNESCO’tti galmaa’uuf Abbootii Gadaa Oromoo hunda waliin qabsaawaa turaniiru.
Jilooti aadaa Oromoo biratti jilaman akka hin harcaaneefis walitti qabaa gamtaa abbootii gadaa ta’uun hojjataa turaniiru.
Walitti bu’iinsi daangaa Oromiyaarratti uumamu karaa nagaatiin akka furamu qooda guddaa ba’ataa turaniiru.
Oduu wal fakkaatuun Yuunvarsiitichi obbo Utukkannaa Mallootiif Waraqaa Ragaa kabajaa kenneera.
Akka OBN gabaaseetti obbo Utukkannaa Malloo dhaabbilee tumsa diinagdee hedduu waliin ta’uun Kibba Oromiyaa keessatti qabsoo diinagdee taasiisa turuu Yuunvarsiitichi beeksiiseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.