Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitichi lammata deebi’ee akka hin hojjenetti garee shororkeessaa ABUTiin barbadaa’eera- Obbo Gadduu Andaargaachoo

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC)- Gareen shororkeessaa ABUT saamicha Yuunvarsiitii Waldiyaarraan ga’een alatti qabeenyi yuunvarsiitichaa hafe lammata deebi’ee akka hin  hojjenetti barbadeessuu gorsaan Nageenyaa Muummee Ministiraa obbo Gadduu Andaargaachoo ibsan.

obbo Gadduun miidhaa yuunvarsiiticharra ga’e daawwataniiru.

Barbadaa’uun yuunvarsiitichaa miseensonni garee shororkeessaa ABUT jibba mootummaarraa yookaan  namoota siyaasaaf qaban osoo hin taane jibba uummataaf qaban kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru.

Gareen kun uummataa fi qabeenya uummataa barbadeessuuf duubatti kan hin jenne ta’uu kaasaniiru.

Gocha garee shororkeessaa kanarraa barumsa fudhachuun barbaachisaa ta’uu fi yuunvarsiitichi haala kanaan duraa caalaatti deebi’ee kan ijaaramu ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.