Yuunvarsiitichi Imbaasii Indooneezhiyaa Ityoophiyaatti argamu waliin haala waloon hojjechuuf danda’urratti mari’ate
Finfinnee, Bitootessa 9, 2014 (FBC)-Yuunvarsiitiin Naannoo Oromiyaa Imbaasii Indooneezhiyaa Ityoophiyaatti argamu waliin haala waloon hojjechuuf danda’urratti mari’ateeera.
Yuunvarsiitiin Naannoo Oromiyaa, kaayyoo hundeeffameef galmaan gahuuf, qaamolee biyya keessaa fi biyya alaa garagaraa waliin hojjechuurraatti argama jedheera.
Yuunvarsiitichi,qaamolee biyya keessaa fi biyyaa ala waliin hariiroo uumuuf mariin akkaataa waliin hojjechuu danda’amuu irratti Ityoophiyaatti, Ambaasaaddara Indooneezhiyaa Al Busiiyraa Baasnuurii fi jila isaani waliin Kaampaasii Muummee Yuunvarsiitichaa Magaalaa Baatuutti argamutti argamuun hoggansa Yuunvarsiitii Naannoo Oromiyaa waliin mari’ateera.
Marii kanaanis dhimmoota waliin irratti hojjechuu danda’amu irratti walii galamuu yuunvarsiitichi ibseera.
Kanneen keessaas, ogeeyyii barnoota walii qooduu, leenjiiwwaan garagaraa kennuu akkasumas yeroo amma kanatti aramaa bocee ’Hara Dambal’ irratti dhiibba hammaataa geessisaa jiru akkaataa gara diinagdeetti ittiin jijjiiruu danda’amuu irratti muuxannoo biyyi isaanii qabdu qooduuf fedhii qabaachuu irratti mariin bu’aa qabeessa ta’e mari’atamus ibsuu ragaan Yuunvarsiiticharra argame ni muul’dhisa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.