Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitichi Gurraandhalaa 30, 2014 eegalee barattoota idilee simachuu kan jalqabu ta’uu ibse

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Walloo Gurraandhalaa 30, 2014 eegalee barattoota idilee simachuu kan eegalu ta’uu beeksiiseera.
Yuunvarsiitichi sababa waraanaan daraan miidhamus hojii deebisanii ijaaruu hojjetameen sadarkaa adeemsa baruu fi barsiisuu eegaluuf isa dandeessisurra ga’uu Daayreektarri Quunnamtii Ummataa Yuunvarsiitii Walloo Dooktar Birihaanuu Asaffaan Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himeera.
Deeggarsa Yuunvarsiitiwwan 5 irraa argateen Gurraandhala 30, 2014 Barattoota idilee waggaa jalqabaa fi waggaa 2ffaa simachuu kan eegaluu ta’uu kaasaniiru.
Barattoota sagantaa barnoota Fagoo hordofaniif Gurraandhala 12, 2014 eegalee barnoota Tiitoriyaalii laachuu kan jalqabu ta’uu Dooktar Birihaanuun eeraniiru.
Kadir Mahaaammaditu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.