Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiiwwan garaagaraa proojakti maaddii biyyaaf Birrii miiliyoona 91 ol laatan

Finfinnee Fulbaana 13, 2013(FBC)- Yuunvarsiitiiwwan itti waamamni isaanii Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota olaanoo ta’an proojaktii maaddii biyyaaf Birrii miiliyoona 91 ol laataniiru.

Kanarra darbees Yuunvarsitiwwan kanneen lammiilee balaa loolaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 14 ol taasisaniiru.

Waltajjiin Fulbaana 10 irraa eegalee guyyoota 3 Jimmaatti qophii barnoota bara 2013 fi raawwii hojiwwan vaayrasii koroonaarratti taasifama ture xumurameera.

Xumuraa waltajjichaan yuunivarsiitiiwwan proojaktii maaddii biyyaaf Birrii 91.3 maallaqan, meeshaalee fi ogummaan Birrii miiliyoona 24 akkasumaas lammiilee balaa lolaan miidhamaniif Birrii miiliyoona 14.35 fi miiliyoona 1.1 ammoo meeshaaleen deeggaruuf waadaa galaniiru.

Hanga oduun kun qindaa’eetti yuunvarsiitiiwwan 32 deeggarsicharratti hirmaachuu ragaan Ministeericharra arganne ni muul’isa.

Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.