Fana: At a Speed of Life!

Yuunvaarsiitiin Finfinnee, Ministeerri Qonnaa fi Ministeerri Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee deeggarsa taasisaan

Finfinnee, Caamsaa 1, 2012 (FBC) –Yuunvaarsiitiin Finfinnee, Ministeerri Qonnaa fi Ministeerri Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee deeggarsa taasisaan.

 

Weerarri vaayrasii koroonaa biyya keenyaatti uumamuun walqabatee bu’uuruma waamichi dhiyaateen guyyaa har’aa Yuunvaarsiitiin Finfinnee meeshaalee nyaataa Birrii miiliyoonaa lamatti tilmaamamu deeggarsa taasiseera.

 

Ministeerri Qonnaa ammoo qamadii kuntaalaa kuma 2 deeggarsa yoo taasisu, Ministeerri Barnootaa manneen barnoota mootummaa bulchiinsa magaalaa Finfinneetti argamaan hundaaf sagantaa nyaataaf kan gargaaru  industiriyaal istoovii ammayyaa’aa deeggarsa taasiseera.

Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa deeggarsa taasifametti hedduu gammaaduun galateeffataniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.