Fana: At a Speed of Life!

Yuuniyeenota qonnaan bultootaa afuriif Tiraaktaroonni dabarfaman

Finfinnee, Hagayya 19, 2016 (FBC) – Yuuniyeenota Qonnaan bultoota Hojii gamtaan gurmaa’uun maallaqa qusachaa turaniif tiraaktaroonni misooma qonnaaf oolan 20 Birrii miiliyoona 200 oliin bitamuun dabarfamaniiru.

Yuuniyeenota hojii gamtaa qonnaan bultoota Godina Shawaa Bahaaf kennamaniiru.

Tiraaktaroonni kunniin oomisha qonnaa kan saffisiisaniifi hojiin misooma qonnaa gara teeknolojiitti ce’aa jiraachuu kan agarsiiftuu ta’uu Bulchaan Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoon ibsaniiru.

Sadarkaa Itti aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti qindeessan kilaastara misooma baadiyyaa Obbo Addisuu Araggaan gama isaaniin Mootummaan qonna ammayyeesuuf kutannoon hojjachaa jiraachuu dubbataniiru.

Tiraaktaroonnofi maashinoonni qonna ammayyeessan karaa salphaan dhiyaachaa jiraachuu Obbo Addisuun eeraniiru.

Bara dhufus tiraaktaroonni hedduun qonnaan bultootaf kan dhiyaatan ta’uu himameera.

Mulugeetaa Girmaafi Beezaawiit Kabbadaatu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.