Fana: At a Speed of Life!

Yuuniyeeniin qonnaa maraa Jimmaa jireenyaa qonnaan bulaa fooyyeessaa jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 17, 2013 (FBC)- Yuuniyeeniin qonnaa maraa Jimmaa jireenyaa qonnaan bulaa fooyyeessaa jira jedhameera.

Yuuniyeenichi waldaalee 14 aanaalee shan keessatti jiraniin kan hundaa’eedha jedhameera.

Yeroo ammaa waldaalee dhibba lamaa aanaalee kudhan keessaa jiran miseensummaan hammateera.

Ka’umsii kappitalasaa miiliyoona 13 turees amma miliyoona 73 qaqqabeera.

Kayyoon yuuniyeenii qonna maraa Jimmaa miseensoota waldichaaf galtee qonnaa dhiheessuudha.

Miseensonni yuuniyeenicha yaada isaanii faanaa biroodkaasting koorporeetiif kennan waldaan gurmaa’un keenyaa nuu fayyadeera teeknooloojiin deeggaramne waan hojjeechaa jirruuf omishni keenyaa dabalaa jiraa jedhaniiru.

Hojii gaggeessan yuuniyeenicha obbo Fiiraa Raayyaa, waggoottan shanan dhufan keessatti gamoo waajjira abbaa darbii afuriifi warshaa qindeessa nyaata horii ijaaruuf karoorfanne jirra jedhaniiru.

Yuuniyeeniichi waggoottan shanan darban keessatti miseensoota hojii olaanaa hojjettaniif badhaasa fi onnachiiftu kenneera.

Atikilt Baqqalaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.