Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsitiiwwan garaagaraa barattoota barsiisaa turan eebbisiisan

Finfinnee, Adoolessa 13, 2015 (FBC)-Yuunivarsiitiiwwan biyyaatti barattootaa sadarkaa barnootaa garagaraan barsiisaa turan eebbisiisaan.

Haaluma kanaan Yuunivarsiitiin Finfinnee barattootaa kuma 8 fi 642 kan eebbisiise yoo ta’u, digirii jalqaabaan barattoota kuma 5 fi 121, digirii 2ffaan barattootaa kuma 3 fi 221 akksumas digirii 3ffaan barattootaa 300 eebbiseera.

Yuunivarsiitiin Amboos barattoota gosa barnootaa adda addaan barsiisaa ture barattoota kuma 4 fi 36 eebbiseera.

Digirii jalqabaan barattootaa kuma 2 fi 829, Digirii 2ffaan kuma 1 fi 207, digirii 3ffaan barattoota 3 eebbiseera.

Yuunivarsiistiin Jimmaa sadaarka barnoota digiir jalqaabaan, digiir 2ffaa fi sadaarka digiir 3ffaa barsiisaa ture kuma 2 fi 124 guyyaa har’aa ebbisiiseera.

Dabalataan, Yuunivarsiitiin Diillaa barattoota kuma 1 fi 829, Yunivarsiitin Dabra Maarqoos barattoota kuma 2 fi 77 eebbiseera.

Mulugeetaa Girmaa, Oliiqaa Girmaa, Kaffaaloo Shifarraa, Na’iimaa Shee Kaliifaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.