Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsitiin Dambi Dolloo Dhaabbilee Barnootaa fi Qorannoo Indiyaa 6 waliin Waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Adoolessa 19, 2014( FBC)- Yuunivarsitiin Dambi Dolloo Dhaabbilee Barnootaa fi Qorannoo Indiyaa 6 waliin hojjechuuf Waliigaltee mallatteesse.

Yuunivarsitichi Dhaabbilee Barnootaa fi Qorannoo garaagaraa biyya Indiyaa keessatti argaman waliin dhimmoota addaa addaarratti waliigaltee waliin hojjechuu mallatteesseera.

Waliigaltichi Wal-jijjiirraa Muuxannoo barattootaa fi barsiisotaa, dhimmoota guddina teeknooloojii haaraa irratti xiyyeeffatan waliin qopheessuu, Yuunivarsiitichatti sagantaalee Maastarsiif mooraa saatalaayitii eegaluu, qaawwaa ogummaa kalaqoota yaada irraa kaasee hanga kalaqaatti jiru guutuuf ogeessota dhimmichi ilaalu waliin hojjechuu kan of keessatti qabatu ta’uu eerameera.

Kana malees, leenjii garaagaraa qopheessuu, giddu gala STEM cimsuu, hojii qorannoo walta’iinsaa irra caalaa gama Teeknooloojii hawaa, injinariingii xiyyaaraa fi roobootiksii, akkasumas kanneen biroo irratti waliin hojjechuu kan haammatu ta’uu ibsameera.

Waliigalteewwan kunneen biyya Hindiitti kan mallattaa’an ta’uu fi Sagantichi deeggarsa Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Ityoophiyaan kan qophaa’e ta’uu himameera.

Yuunivarsiitiin Aanaa, Garee Inistiitiyuutii Suryaa (SGI), Garee Dhaabbilee Hindustaan, Inistiitiyuutii Teeknooloojii fi Saayinsii Hindustaan, Dhaabbilee Barnootaa Hindustaan, Inistiitiyuutii Teeknooloojii Hindi dhaabbilee Yuunivarsitiin Dambii Doolloo waliin waliigaltee mallatteesse ta’uu eeramera.

Waliigalteen kun waggoota itti aanan shaniif hojiirra kan oolu yoo ta’u, waliigaltichis dhaabbilee michuu lamaan isaaniitiin yeroo xumuramu haaromfamuu kan danda’u ta’uu ragaan Yuunvarsiiticharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.