Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiwwan Barattoota qormaataa Kutaa12ffaa Saayinsii Hawaasaa fudhatan simachuu eegalan

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2016 (FBC) – Yuunivarsiitiwwan Barattoota Qormaata biyyaalessaa Kutaa12ffaa Bara 2016 Saayinsii Hawaasaa fudhatan simachuu eegalaniiru.

Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 akka biyyaatti barattootni kuma 700 ol kan qorataman yoo ta’u, akka Naannoo Oromiyaatti ammoo barattoonni kumni 246 ol qormaata kan fudhatan ta’uu Biiroon Barnootaa Oromiyaa ibseera.

Hojiin Barattoota kutaa 12ffaa qormaata biyyoolessaa fudhatan gara giddu gala qormaata itti fudhataniitti geejjibsiisuu eegalamuu fi Yuunivarsiitiwwanis haala ho’aa ta’een barattoota simachuu eegaluu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.