Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiiwwanitti walabummaan akkaadaamii akka cimuuf hojjetamaa jira-Pirof. Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Sadaasa 14, 2016 (FBC)- Yuunivarsiitiiwwanitti ofiin of bulchuu fi walabummaan akkaadaamii akka cimuuf mootummaan kutannoon hojjechaa jiraachuu Chaansilarii Yuunivarsiitii Finfinnee Pirofeesar Birhaanuu Naggaan dubbatan.

Yuunivarsiitii Finfinneetti mata duree “Dhaabbilee Barnoota olaanootti bilisummaa akkaadaamii” jedhuun waltajjiin marii geggeeffameera.

Waltajjicharratti Pirofeessar Birhaanuu Naggaan akka ibsanitti, yuunivarsiitiiwwanitti bilisummaa akkaadaamii mirkanaa’uun riifoormii seektarichaarratti gaggeeffamaa jiran keessa tokko.

Kaayyoon ofiin of bulchuu yuunivarsiitiiwwanii walabummaa isaanii mirkaneessuu yoo ta’u, gama kanaan sagantaalee barnootaa walabummaan bocuu fi hojiirraa oolchuu, sirna filannoo barattootaa raggaasisuu fi walabummaa hojmaatawwan biroo akka jiraatan taasisuu ta’uu himaniiru.

Dabalataan yuunivarsiitiiwwan walaba ta’uun yaadaa garagaraa maddisiisuuf waltajjiiwwan uumuuf akka ta’e eeruun, yuunivarsiitiiwwanitti walabummaan ofiin of bulchuu akkadaamikii akka jiraatuuf mootummaan kutannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Adeemsi ofiin of bulchuu kan itti fufu ta’uu fi waggoottan lamaan dhufan yuunivarsiitiiwwan saddeet ofiin akka of bulchuuf iyyachuu TOI gabaaseera.

Pireezidaantii Eeggataan Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Saamu’eel Kifileen gama isaaniin dhaabbilee barnootaa olaanootti bilisummaan akkaadaamii qulqullina barnoota fi qorannoo eegsisuuf carraa gaarii kan uumu ta’u himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.