Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiiwwan Salaalee, Odaa Bultum, Madda Walaabuu, Wallaggaa barattoota eebbisiisan

Finfinnee, Adoolessa 13, 2015 (FBC)- Yuunivarsiitiiwwan Wallaggaa, Salalee, Odaa Bultum, Madda Walabuu barattootaa dameewwan barnoota garaagaraan barsiisaa turaan eebbisiisaniiru.

Yuunivarsiitiin Salaalee marsaa 5ffaaf barattoota 855 digirii 1ffaa fi 2ffaa ogummaa garaagaraatiin barsiisaa eebbiseera.

Kana malees, Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu muummeewwan barnoota adda addaatiin barsiisaa ture kuma 4 fi 17 digrii jalqabaafi lammaffaan eebbiseera.

Yuunivarsitiin Odaa Bultumis erga baruu fi barsiisuu eegalee yeroo 5ffaaf barattoota barsiisaa ture eebbisaa jira.

Yuunivarsiitiin Bulee Horaas barattoota digirii jalqabaa 907, akkasumas digirii 2ffaa 392 walumaagalatti barattoota kuma 1 fi 299 eebbiseera.

Yuunivarsiitiin Wallaggaa barattoota muummee barnoota garaagaraan barsiisa ture kuma 1 fi 347 guyyaa har’a eebbiseera.

Akkasumas Yuunivarsiitiiwwan Jigjigaa, Injibaaraa, Dabra Birhaan, Waraabee fi kanneen biroonis barattootaa muummee barnoota garaagaraan barsiisaa turaan sadarkaa barnootaa garaagaraan eebbisaniiru.

Olyaad Ahmad, Galaanaa Tasfaa, Nasraa Yuusuuftu gabaase.
Odeeffannoo dabalataan Kominikeeshinii Yuunivarsitootaarraa

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.