Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiiwwan Naannoo Tigraay baratootaa kutaa 12ffaa qormaata fudhatan simatan

Finfinnee, Adoolessa 29, 2015 (FBC)- Yuunivarsiitiiwwan Aksum, Addigiraat fi Raayyaan barattootaa kutaa 12ffaa qormaata fudhatan simataniiru.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Dooktar Kiiroos Gi’uush FBC’f akka ibsanitti, barattoota kanneeniif barnoonni bakka buusaa kennamaa jira.

Yuunivarsiitiin Maqalees guyyoota sadan dhufan barattoota simachuu akka eegalus kaasaniiru.

Ministrri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan bara 2012 qormaataa kutaa 12ffaa fudhachuu utuu qabanii barattoonni hinfudhanne, fuulduratti qormaata akka fudhatan dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Naannichitti Fulbaana dhufu qormaanni bahiinsaa akka kennamu ibsa kaleessa kennaniin kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.