Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Walaayittaa Sooddoo barattoota Damee barnootaa garagaraa barsiisaa ture kuma 1 fi 79 eebbisiise

Finfinnee, Qaammee 3, 2012 (FBC) –Yuunivarsiitiin Walaayittaa Sooddoo barattoota Damee barnootaa garagaraa barsiisaa ture kuma 1 fi 79 eebbisiise.

Yuunivarsiitiin Walaayittaa Sooddoo barattoota Damee barnootaa garagaraa digirii jalqabaa fi lammaaffaan barsiisaa ture kuma 1 fi 79 eebbisiiseera.

Preezdaantiin Yuunivarsiitichaa Proofasar Taakkalaa Taaddasaa vaayrasii koroonaan hojiin baruu fi barsiisuu akka adda citu yoo ta’ullee, guyyaa har’aa barattoota eebbisiise teeknooloojiin deeggaramuun barnoota isaanii akka hordofan taasisuun eebbisiisuu akka danda’e ibsaniiru.

Sagantaa idilee fi idileen alaan leenji’anii barattoota eebbifama keessaa barattoonni 143 dubartoota yoo ta’an, barattoonni 47 ammoo dooktara yaalaan eebbifamaniiru.

Kanneen keessa 3 ispheeshaalayidi kan godhanidha jedhame.

Yuunivarsiitiin Walaayittaa Sooddoo bara 1999 eegalee barattoota kuma 35 ol fudhatee barsiisuu fi barsiisaa jirachuu eerameera.

Haaluma walfakkatuun Yuunivarsiitiin Miizaan Teeppii barattoota Damee barnootaa garagaraa barsiisaa ture 659 eebbisiiseera.
 
Xilaahuun Huseenii fi Tasfaayee Mirreessaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.