Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Salaalee barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan simate

Finfinnee, Adoolessa 1, 2016 (FBC) – Yuunivarsiitiin Salaalee barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf Yuunivarsiitichatti ramadaman simateera.

Barattoota saayinsii hawaasaa qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf Yuunivarsiitii Salaaleetti ramadaman kuma 5 fi 345 simatamaniiru.

Yuunivarsiitichatti barattoonni qorumsa biyyoolessaa kutaa 12ffaa qoramuuf ramadaman marsaan duraa damee saayinsii hawaasaatiin Manneen Barnootaa Godina Shawaa Kaabaafi Aanaalee Godina Shawaa Lixaa lama (Aanaa Walmaraa fi Aanaa Ada’aa bargaa)irraa dhufan simatamuu ragaan fuula yuunivarsiitichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.