Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa Kitaabolee Wabii 1275, kompiwuutaraa 30 bulchiinsa magaalaa Hoolataafi deeggarsa taasise

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2013 (FBC)- Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa Kitaabolee Wabii 1275, kompiwuutaraa 30 bulchiinsa magaalaa Hoolataafi taasise.
Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa Kitaabolee Wabii 1275, kompiyuutaraa 30 teessoo isaa waliin Birrii miliyoona 1 fi kuma 600n bitee Manneen Barnootaa sadarkaa 2ffaa bulchiinsa magaalaa Hoolataafi Waajjiraaleef deeggarsa taasiseera.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Hoolataa aadde Tsahaay Zallaqaa saganticharratti akka jedhanitti, deeggarsi kitaabolee wabii fi kompiwuutaraa taasifame barnoota qulqullina qabu kennuun hojii baruu fi barsiisuu milkeessuun lammiilee baratanii boru biyya kana bakka bu’an horachuuf gahee guddaa qaba.
Afa-Yaa’iin Mana Maree Magaalaa Hoolataa aadde Biqiltuu Gonfaa, koree boordii misooma magaalichaa waliin ta’uun wixinee deeggarsaa qopheessuun gaaffii dhiyeessan b’uureffachuun Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa Kompiyuutara 30 teessoo isaa waliin, piriintara 2, gabatee barreeffamaa adii (whiteboard) 30 fi kitaabolee wabii adda addaa 1275 walumatti deeggarsa Birrii miliyoona 1fi kuma 600 argamuu himaniiru.
Bakka bu’aan Preezdaantii Yuuniversiitii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaa Dooktar Mulugeetaa Kabbadaa, Yuunivessiitiin keenya hojii qorannoo fi qo’annoo gaggeessinu cinaatti uummata tajaajiluun dirqama keenyaa waan ta’eef waan qabanurraa deeggarsa kana taasisne jedhaniiru.
Itti dabaluudhaanis, deggarsichi isa duraa ta’uu eeruun, fuldurattis uummata keenya tajaajiluu fi osoo hojjetanii leenjiwwan ijaarsa dandeetti hojjettootaa cimsan kenuuf bulchiinsa magaalichaa waliin kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.