Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Riiftii Vaalii barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 9 ol eebbisiise

Finfinnee, Adoolessa 20, 2016 (FBC) – Yuunivarsiitiin Riiftii Vaalii barattoota ogummaa garaagaraan kaampaasiwwan Finfinnee fi Magaalaa Shaggar keessatti argamanitti barsiisaa ture kuma 9 fi 200 ol eebbisiiseera.

Yuunivarsiitichi barattoota har’a Galma Barkumeetti eebbisiise kuma 9 fi 200 ol keessaa 900 bilisaan barsiisaa turuu eerameera.

Hogganaa Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Zalaalem Mulaatuu dabalatee keessummoonni waamichi taasiifameef, hoggantoonni yuunivarsiitichaa fi maatiin eebbifamtootaa sagantaa eebbichaarratti argamaniiru.

Yuunivarsiitiin Riiftii Vaalii hanga ammaatti barattoota kuma 42 ol eebbisiisuu ragaan fuula yuunivarsiiticharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.