Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Poolisii Itiyophiyaa qondaaltoota Poolisii leenjisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2016 (FBC) – Yuunivarsiitiin Poolisii Itiyophiyaa bakka Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen argamanitti qondaaltoota Poolisii leenjisaa ture eebbisiiseera.

Pireezidaantii FDRI Saahilawarq Zawdee, Walitti qabduu Boordii Yuunivarsiitichaa fi Ministira Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kamiil, Komishinara Itti Aanaa Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Malaakuu Faantaa,Qondaaltoota Poolisii dabalatee keessummoonni waamichi taasiifameef sirna eebbicharratti argamaniiru.

Yuunivarsiitichi qondaaltoota Poolisii Digirii 2ffaa, jalqabaa, Gulantaa 4ffaa fi saayinsii fayyaa akkasumasa dameewwan biroon leenjisaa ture eebbiseera.

Leenjitoonni Somaaliyaa fi Sudaan Kibbaa 12 kanneen har’a eebbifaman keessatti kan argaman ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.