Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Odaa Bultum barattoota sagantaa idilee fi idilee alaan barsiisaa ture 742 eebbisiise

Finfinnee, Adoolessa 9, 2014 (FBC) – Yuunivarsiitiin Odaa Bultum barattoota muummeewwan garaagaraan sagantaa idilee fi idilee alaan barsiisaa ture 742 digirii jalqabaan eebbisiiseera.
Eebbifamtoota keessaa % 36 dubartoota ta’uu ibsameera.
Pireezdaantiin Yuunvarsiitii Odaa Bultum Piroofeesar Muktaar Mahammad barattoonni guyyaa har’aa eebbifaman ogummaa fi beekkumsa horataniin hawaasa fi biyya isaanii haqaan tajaajiluu akka qaban ergaa dabarsaniiru.
Sirna eebbicharratti kan argaman Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuralee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii, egeree biyyaa milkeessuuf eebbifamtoonni beekumsaa fi ogummaa goonfataniin hojjachuun kan irraa eegamu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Harargee Lixaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.