Yuunivarsiitiin Nageenya Biyyaalessaa barattoota Digirii 2ffaan leenjisaa ture eebbisiise
Finfinnee, Onkololeessa 23, 2017 (FBC)- Yuunivarsiitiin Nageenya Biyyaalessaa sagantaa Digirii 2ffaan barattoota leenjisaa ture eebbisiise.
Sirna eebbichaarratti Ministira Muummee Itti Aaanaa Tamsgeen Xurunaa, Daayrektara Jeneraalaa Tajaajilaa Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa Ambaasaddar Reedwaan Huseen, Ministiroonnii fi qondaaltonni olaanoo biroon argamaniiru.
Obbo Tamasgeen Xurunaan sirnicharratti haasawaa taasisaniin, yeroo ammaa qabsoon kan gaggeeffamu odeeffannoon dursuun ta’uu hubachiisan.
Faayidaa fi humna odeeffannoon qabu hubachuun bara 2010 as damee nageenyaarratti riifoormii gaggeessuu ibsaniiru.
Har’as barattoonni eebbifaman qaama riifoormichaa keessa ta’uu himuun, fuulduratti jijjiirama dirree nageenyaa biyyaalessaa, naannawaa fi idil addunyaa keessatti faayidaa fi nageenyaa biyyaalessaa haala amansiisan mirkaneessuuf kan tumsu ta’uu himaniiru.
Ambaasaaddar Reedwaan Huseen gama isaaniin damichi barnoota yerocha madaaluun utubamuu qaba jedhan.
Ogeeyyii nageenyaa fi odeeffannoo ga’umsa qaban horachuun murteessaa ta’uu kaasanii, Yuunivarsiitiin Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa itti gaafatamaa fi mul’ata biyyaalessaa milkeessuuf dhaabbata ga’umsa olaanaarratti argamuudha jedhaniiru.
Yuunivarsiitichi yeroo jalqabaatiif sagantaalee barnootaa sadiin barattootaa waggoota lamaaf leenjisaa ture eebbisiiseera.
Wagggootan 40’n darbaniif ogeeyyii leenjisaa kan turte fi bara 2016 gara Yuunivarsiitiitti guddachuun qorannoo fi xiinxalaa odeeffannon, nageeya, xiinsammuu fi haleella ittisuu akkasumas nageenya saayibariin hoggantootaa fi ogeeyyii horachaa jiraachuun himameera.
Firehiiwot Saffiiwutu gabaase.
#Oromiyaa #Ethiopia