Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Jimmaa yeroo jalqabaatiif digrii proofeesarummaa dubartiif kenne

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Yuunivarsiitiin Jimmaa yeroo jalqabaatiif digrii proofeesarummaa dubartiif kenne.

Yuunivarsiitii Jimmaatti proofeesarummaa kan argatan haadha ijoollee sadii Proofeesar Tsiggee Katamaa barnootni isaanii saayinsii Baayoomedkaaliin yoo ta’u, isaan waliin ogeessa yaala dhibee keessaa kan ta’an Dooktar Isaayyaas Kabbadas proofeesarummaa argataniiru.

Sagantaan beekamtii proofeesarummaa kun yunivarsiitii Jimmaatti kan qophaa’eedha.

Preezdaantiin yunivarsitichaa, Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaa yunivarsiiticha keessati warreen akka proofeesar Tsiggee akka baay’atan hawaasa yunivarsiitichaa gorsaa fi deeggarsaan asiin gahan nan galateeffadha jedhan.

Sirna kanarratti maatiifi hiriyoonni proofeesar Tsiggee Katamaa argamuu ragaan Yuunivarsitii Jimmarra argannee ni muuldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.