Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Jimmaa barattoota kuma 1fi 747 gosa barnoota gara garaan barsiisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2016 (FBC) – Yuunivarsiitiin Jimmaa barattoota kuma 1fi 747 ogummaa garaagaraan sagantaa idilee fi idileen alaan barsiisaa ture eebbisiiseera.
Yuunivarsiitichi sagantaa idilee, Gannaa, barnoota fagoofi barnoota galgalaan barattoota barsiisaa turee eebbisiiseera.
Eebbifamtoota keessaa 22 digrii 3ffaa, 254 digrii 2ffaa, akkasumas barattootni kumni 1fi 471 digrii jalqabaan kan eebbifaman ta’uu eerameera.
Pireezidantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaa, barattoota idilee bara kana qorumsa bahiinsa Yuunivarsitii fudhatan keessaa % 83 kan darban ta’uu himaniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.