Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Finfinnee Embaasii Chaayinaa waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2016 (FBC)- Yuunivarsiitiin Finfinnee Embaasii Chaayinaa waliin waliigaltee mallatteesseera.

Waliigaltichaarratti Pireezidaantii Eeggataa Yuunivarsitii Finfinnee Dooktar Saamu’eel Kiflee fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zhi’oon Zhiwaan argamaniiru.

Waliigaltichis barattoota digirii jalqabaa fi 2ffaa 120 carraa barnootaa bilisaa kennuu kan dandeessisuudha.

Dooktar Saamu’eel Kifleen waliigalteen taasifame qulqullina barnootaa guddisuun barattootaa fi barsiisota ga’umsa qaban horachuuf gumaacha akka qabaatu dubbataniiru.

Ambaasaaddar Zhi’oon Zhiwaan gama isaaniin, waliigaltichi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiilee hojjetamaniif carraa haaraa ta’uu eeruun, deeggarsi taasisan cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Waliigalteen mallatteffames muuxannoo idil addunyaa biyya keessatti hojiirraa oolchuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Yuunivarsitichi waliigalteewwan mallatteessaa jiru sadarkaa idil addunyaatti hariiroo qabaatu kan bal’isu ta’uun ibsameera.

Meeroon Mulugeetaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.