Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Finfinnee bara 2016 sirna barnootaa duraaniin barattoota simata jedhame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2016 (FBC)- Yuunivarsiitiin Finfinnee bara 2016 sirna barnootaa duraan jiruun barattoota akka simatu Eeggataan Pireezidaantii Yuunivarsiitichaa Dooktar Saamu’eel Kifileen himan.

Dooktar Saamu’eel Yuunivarsiitiin Finfinnee Yuunivarsiitii ofiin of bulchu ta’uun walqabatees burjaajiiwwan jiran irratti ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Yuunivarsiitichi ce’umsa ofiin of bulchuurra waan jiruuf, baatiiwwan muraasa keessatti sirna barnootaa haaraan akka hogganamu eeran.

Adeemsi Ce’umsaa hanga xumuramuttis hojmaanni duraan turan akkasumatti itti fufaa, hojmaata bakka bu’u yeroo yeroon hojiin beeksisuu kan hojjetamuu ta’uu himaniiru.

Zaabiib Takilaayitu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.