Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Bulee Horaa barattoota 1493 eebbisiise

Finfinnee, Adoolessa 9, 2014 (FBC) – Yuunivarsitiin Bulee Horaa barattoota sagantaa idilee fi idilee alaan digrii jalqabaa fi lammaffaan barsiisaa ture kuma 1 fi 493 eebbisiiseera.
Barattoota kuma 1 fi 289 digrii jalqabaan marsaa 9ffaaf kan eebbisu yoo ta’u, eebbifamtoota keessaa 315 dubartoota ta’uu ibsameera.
Maanguddoon Umrii waggaa 67 har’a Yuunvirsiitii Bulee Horaarraa digirii 2ffaan eebbifamaniiru.
Barattoota Yuunivarsiitiin Bulee Horaa guyyaa har’aa eebbisee keessaa maanguddoon umrii waggaa 67 Alii Saafayiin Shaabaroon Muummee Maarkeeting Maanaajimantiin eebbifaman keessaa isaan tokko ta’uu ibsameera.
Yuunivarsitiichi yeroo ammaa sagantaa barnootaa garaa garaatiin barattoota kuma 19 fi 839 barsiisuu irratti argama.
Daagimaawwii Deeksisaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.