Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Arsii muummee garaagaraan barattoota barsiisaa ture eebbise

Finfinnee, Adoolessa 3, 2014 (FBC) – Yuunivarsiitiin Arsii barattota muummee garaagaraan barsiisaa ture har’a eebbisiiseera.

Barattoonni yuunivarsitichi eebbisiise digirii jalqabaa fi 2ffaan waliigalaan kuma 1 fi 327 ta’uun ibsameera.

Sirna eebbaa kanarratti Deetaan Ministiraa Ministeeraa Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa, Ityoophiyaan imala badhaadhinaa eegalte milkeessuuf, akkasumas, rakkoolee fuullefataniin yeroo kamuu caalaa humna namaa dhugaan, ogummaa fi naamusaan ga’umsa qabuu barbaachisa jedhaniiru.

Eebbifamtoonis fuulduratti qaama furmaataa rakkoolee mudatanii ta’uu akka qaban dubbataniiru.

Ulaan barnootaa wayita banamu, ulaan jibbiinsaa fi gumaa bahannaa ni cufama kan jedhan ammo Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Teeknooloojii fi Bobbii Hojii Misooma Humna Namaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Dooktar Nagarii Leencooti.

Eebbifamtoonni, jibbiinsaa keessaa bahuun walkabaja, waljaalala fi waliin jireenyaaf akka hojjetan akkasumas kanneen biroof fakkeenya akka ta’an hubachiisaniiru.

Pirezidaantiin Yuunivarsitii Arsii Dooktar Dhugumaa Addunyaa, kan baratan dhaabbilee barnootaa qofatti akka hintaane eeranii, eebbifamtoonni yuunivarsiitichaarraa wayita ba’an carraa kamittuu of barsiisuuf qophaa’uu akka qaban dhaamaniiru.

Yuunivarsitichi bara 2007 kan hundeeffamee fi barattoota sadarkaa garaagaraan barsiisuun eebisiisaa kan ture yoo ta’u, kan ammaa marsaa 7ffaa ta’uun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.