Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Arsii dooktaroota yaalaa 60 eebbisiise

Finfinnee, Sadaasa 12, 2013 (FBC) –Yuunivarsiitiin Arsii dooktaroota yaalaa 60 eebbisiise.

Yuunivarsiitiin Arsii dooktaroota yaalaa 60 dabalataan barattoota kuma 1 fi 64 eebbisiiseera.

Preezdaantiin Yuunivarsiitiin Arsii Dooktar Dhugumaa Addunyaa sirna eebbaa irratti argamuun ogeeyyoonni eebbifaman biyyaa fi lammii isaaniif cimanii akka hojjetan ergaa dabarsaniiru.

Ministirri Deettaan Saayinsii Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Kiflee gama isaaniin eebbifaamtonni wayita bariin Ityoophiyaaf dhiyaateetti eebbifamuu isaanii eeruun carraa kanatti akka fayyadaman dhaamaniiru.

Ministirri Deettaan Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa ebbifamtoonni waan isaniirra eegamu bahachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.