Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitii Jimmaaf deeggarsi meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 100 taasifame

Finfinnee, Bitootessa ,2015 (FBC)- Giddugala Waldhaansa Fayyaa Yuunivarsiitii Jimmaaf deeggarsi meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 100’tti shallagamuu taasifameera.
 
Deeggarsichi tajaajila waldhaansa fayyaa baqaqsanii hodhuu kaansarii garaachaaf kan oolu ta’uu ibsameera.
 
Deeggarsichi hospitaala Yuuniivarsiitii Beeljiyeem “Yuu Zeed” irraa argamuu eerameera.
 
Tumsi hospitaala Yuuniivarsiitii Beeljiyeem “Yuu Zeed”fi Giddugala Waldhaansa Fayyaa Yuunivarsiitii Jimmaa walitti fufiinsa kan qabu ta’uu Yuunivarsiitii Jimmaatti Qindeessaan Piroojektii Barnootaafi Qorannoo Waarawaa obbo Kooraa Xuushineen Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.
 
Hogganaan garee hospitaala Yuuniivarsiitii Beeljiyeem “Yuu Zeed” Piroofeesar Piit Paateen gamasaaniin, Goddugala Waldhaansa Fayyaa Yuunivarsiitii Jimmaa waliin hojjechuuf fedhii guddaa qabaachuu ibsaniiru.
 
Abeenezar Taayyeetu gabaase.
 
#Oromia #Ethiopia
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.