Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitii Hawaasaatti barattoota qormaataa kutaa 12ffaa fudhatanirratti riqichi jiguun miidhaan ga’e

Finfinnee, Fulbaana 30, 2015 (FBC) – Riqichi Kaampaasotaa Yuunivarsiitii Hawaasaa lamaan walquunnamsiisu barattoota qormaataa kutaa 12ffaa fudhatanirratti jiguun miidhaa ga’uu eerame.

Barattoonni Midhaman Hospitaalaa Rifeeraalaa Hawaasaatti wal’aansi taasifamaafii jiraachuun ibsameera.

Barattoota miidhaan irra ga’es qormaata fuulduratti kennamuun kan qoraman ta’uu eeramuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.

Dhimmicha ilaalchisuun odeeffannoo jiru fuulduratti kan beeksisu ta’uu eeruun haala mudateetti ministeerrichi gadduu beeksiseera.

Ministeerri Barnootaa fi hawaasni yuunivarsitichaa dhimmicha itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu eeruun, barattoonni kaan taatee mudateen utuu hinjeeqamin tasgabbiin akka qormaataa fudhatan dhaameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.