Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitichi Giddugala Walaansa Kaansarii maqaa Aartisti Alii Birraan moggaase

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)- Yuunivarsiitiin Haramaayaa Gidduugala Wal’aansa Kaansarii maqaa Dooktara Kabajaa Aartisti Alii Birraan moggaase.

Gidduugalli wal’aansa dhibee kaansarii Hospitaala waliigalaa hundagaleessa Hiwot Faanaa kanaan dura tajaajila walaansa kaansarii laachaa ture yeroo ammoo maqa Dr . kabajaa Alii Birraatti moggaafameera.

Jaalala fi yaadni Dooktara kabajaa Ali Birraa ilma namaaf qabu olaanaa akka tahee himuun, hojiin inni hojjate dhalootaatti kan darbu ta’uu Pireezidaantiin Yuunivarsiitti Haramaayaa Dooktar Jamaal Yuusuf himaniiru.

Giddugalli Kaansarii amma maqaan jijjirame kun tajaajjila sirrii maqaa Dooktara Kabajaa Ali Birraan gitu akka kennu yuunivasiitichi hojjechuu akka qabu Pireezdaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badiriin dhaamaniiru.

Tujii Abdiitu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.