Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitichatti “Smart Campus Solution” hojiirra oolchuuf waliigalame

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC)- Itiyoo-Teelekoom Yuunivarsiitii Finfinneef “Smart Campus Solution” dhiyeessuuf, kaffaltii tajaajila wal’aansaa Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Xiqur Anbassaa ammoo Teelee Birriin akka raawwatamu taasisuuf waliigalteerra ga’amuun ibsame.

Teeknooloojichi hojiilee bulchiinsaa fi adeemsa baruufi barsisuu yuunivarsiitichaa gara dijitaalaatti jijjiiruuf ta’uun ibsameera.

“Smart Campus Solution” dareewwan barnootaa yuunivarsiitichaa dijitaalessuuf kaameeraa nageenyaa kaampaasota garaagaraa, neetiwoorkii bu’uuraalee misoomaa diriirsuu fi hojmaataa amaayyaa’oo biroo hojiirra oolchuuf kan tumsu ta’uun ibsameera.

Hoji Raawwachiistuu Itiyoo Teelekoom Firehiiwot Taammiruun, pirojektichi guutummaatti hojii wayita eegalu yuunivarsiiticha dorgomaa kan taasisuudha jedhan.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Saamu’eel Kifileen gama isaaniin, pirojektichi hojiilee riifoormii yuunivarsiitichi eegale tumsuutti dabalataan, ga’umsa barnootaa mirkaneessuuf, qulqullina barnootaa guddisuu fi qorannoo cimsuuf gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Qiddisti Abaataatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.