Fana: At a Speed of Life!

Yuunivaarsiitiwwan Bulee Horaa, Walqixxee fi Arbaa Miincii muummeewwan garagaraatiin barattoota barsiisa turan eebbisiisan

Finfinnee, Hagayya 30, 2012 (FBC) – Yuunivaarsiitiin Bulee Horaa barattoota digrii lammaffaa fi jalqabaa 283 eebbisiise.

Yuunivaarsiitiin Bulee Horaa barattoota digrii jalqabaa fi lammaffaa muummeewwan garagaraatiin barsiisaa ture Hagayya 30tti barattoota sagantaa Gannaa, dhuma torbeefi digrii lammaffaan barsiisaa ture walumatti barattoota 283 eebbisiiseera.

Barattoota eebbifaman keessaa digriin lammaffaa 47 yoo tahan; digriin jalqabaa ammoo 236.

Yuunivaarsiitiin Bulee Horaa dhaabbata barnootaa dhaloota sadaffaa keessaa takka yoo taatu eebba marsaa kanaatiin digrii jalqabaatiin marsaa torbaffaaf, akkasumas digrii lammaffaan marsaa sadaffaaf eebbisiisa.

Haaluma walfakkatuun Yuunivaarsiitiin Walqixxees muummeewwan garagaraatiin barattoota 929 barsiisaa ture eebbisiseera.

Yuunivarsiitin Arbaa Miinciis muummeewwan garagaraatiin barattoota kuma 2 fi 326 barsiisaa ture eebbisiseera

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.