Fana: At a Speed of Life!

Yuuniseef Ityoophiyaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 5.1 akka taasisu ibse

Finfinnee, Hagayya 18, 2014(FBC)- Yuuniseef lammiilee  Ityoophiyaa sababa waraanaan miidhamaniif deeggarsa Doolaara miiliyoona 5.1 kan taasisu ta’uu ibse.

Ministirri Ministeera Dhimma Dybartootaafi Daa’immanii Dooktar Ergoogee Tasfaayeen Ittaantuu Daayrektara Yuuniseef Jeen Muutaan waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin dhimmoota sirna eegumsa daa’immaniifi hawaasummaa akkasumas dandeettii dhaabbatummaa cimsuun haala danda’amurratti mari’achuu ibsameera.

Deeggarsa dhaabbatichi lammiilee Ityoophiyaa sababa hongeefi walitti bu’iinsaaan miidhamaniif taasisuuf Dooktar Ergoogeen galateeffataniiru.

Fuuldurattis lammiilee kanneeniif deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Dooktar Jeen Muutaan gamasaaniin, dhaabbatichi deeggarsa hunda galeessa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Dabalataanis lammiilee hongeefi walitti bu’iinsaan miidhamaniif deebii ariifachiisaa kennuuf deeggarsa Doolaara miiliyoona 5.1 kan taasisu ta’uu ibsuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.