Fana: At a Speed of Life!

Yuuniiseef hojiilee damee dubartootaa, daa’immanii fi hawaasummaan hojjetu cimsee itti fufuuf kutannoo qabaachuu ibse

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dhaabbanni gargaarsa daa’immanii Yuuniiseef hojiilee damee dubartootaa, daa’immanii fi hawaasummaan hojjetu cimsuuf kutannoo qabaachuu Ityoophiyaatti bakka bu’aan yeroo dhaabbatichaa Jiyaanfiraankoo Rootiigliiyaanoo ibsan.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Eergoogee Tasfaayeen Ityoophiyaatti bakka bu’aan yeroo dhaabbatichaa Jiyaanfiraankoo Rootiigliiyaanoo waliin mari’ataniiru.

Ityoophiyaatti bakkeewwan waraanni uumametti lammiilee qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’an deeggaruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa turuu Dooktar Eergoogeen ibsaniiru.

Deeggarsa dhaabbatichi dubartootaa fi dargaggootaaf taasisu faayidaa diinagdeerratti jabeessuu fi lammiilee buqqa’aniif haala tajaajila yaalaa itti walitti qabuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Jiyaanfiraankoo Rootiigliiyaanoon gamasaaniin, Ityoophiyaan yuuniiseef waliin qindoomuun rakkoolee daa’immanii hambisuuf ga’ee olaanaa taphachuu kaasuuniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.