Fana: At a Speed of Life!

Yuun Suuk Yool Preezdaantii haara Kooriyaa Kibbaa ta’uun kakuu raawwatan

Finfinnee, Caamsaa 2, 2014 (FBC) – Yuun Suuk Yool Preezdaantii haara Kooriyaa Kibbaa ta’uun Mana Maree Biyyaalesaa magaalaa Sii’uulitti argamutti kakuu raawwataniiru.
Preezdaantichi waggoottaan shanan itti aanaan muddama Kooriyaa lamaan gidduu jiru tasgabbeessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu waadaa galaniiru.
Kooriyaan Kaabaa Kooriyaa Kibbaa waliin hariiroo Niiwuklaariirraa bilisa ta’e uumuuf kan murteessitu yoo ta’e, diinagdee ishee cimsuuf deeggarsa barbaachisu taasiisuuf waadaa galuu isaanii eerameera.
Qophiin Niiwuklaarii Kooriyaa Kaabaa naannichaaf yaaddoo nageenyaa akka hin taane karaa nagaa fi mariin furuuf balballi isaanii banaa ta’uu dubbataniiru.
Preezdaantichi muddama biyya isaanii fi Kooriyaa Kaabaa gidduu jiruf tasgabbeessuu cinaatti hariiroo Chaayinaa waliin qaban fooyyessuuf hojiin manaa guddaan kan isaan eeggatu ta’uu Anaadooluun gabaaseera.
Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.